ONM-ABO Ebla 27, 2025
Yugaandaan Sanbata kaleessaa weerara dhukkuba Iboolaa biyyattii inni haaraan akka dhaabbate labsite. Kunis biyyattii keessatti namoonni dhibee kanaan qabaman erga mirkanaa’anii ji’a sadii booda.
Imaanu’el Ayinebyona Anaadolutti akka himetti, erga dhukkubsataan dhumaa mirkanaa’e gadhiifamee as nama dhukkuba kanaan qabame osoo hin argine guyyaa 42 ta’eera.
Biyyi Baha Afrikaa Amajjii 30 weerara yeroo dhiyoo, gosa vaayirasichaa kan talaalliin hin mirkanoofne argamuu beeksistee turte.
Akka Ministeerri Fayyaa jedhutti, erga weerarri kun labsamee as, namoonni 12 ta’an kanneen Iboolaan mirkanaa’an galmaa’aniiru, isaan keessaa dhukkubsattoonni 10 kan dandamatan yoo ta’u, lama ammoo du’aniiru.
Dhibeen kun aanaalee torbaa fi magaalota sadii keessatti galmaa’uu Ministirri Fayyaa Jeen Ruut Asiing himaniiru.
Hogganaan WHO Teedroos Adaanom Gebreyes Ministeerri Fayyaa Yugaandaa weerara kana irra aanuuf “hoggansaa fi kutannoo” isaaf galateeffataniiru. “Mootummaa fi hojjettoota fayyaa Yugaandaa weerara Iboolaa xumuruu isaaniitiin baga gammaddan,” jechuun X irratti dubbachuu Anaadooluun gabaaseera.

