• Sun. Mar 15th, 2026

Baalee Lixaa Aanalee garaa garaa keessatti murni PP maqaa WBO xureessuuf jecha waraana isaa rifeensa nam-tolcheen faayuun bobbaasee jiraachuun himame

May 1, 2025

ONM-ABO Caamsaa 1, 2025 

Murni maqa- balleessii WBO’f guyyuu ajandaa jal’inaa qabatee gadi bahu Bilxiginnaan saamtota waraana isaa uummatatti maqaa nageenya biyyaa eegnaan bobbaasee nageenya sabichaa mancaasaa kan jiru oggaa ta’u, aanaa Gobbaatti rifeensa nam-tolcheen waraana isaa faayuun WBO fakkeessee loltoota 100 ol bobbaasee jiraachuun addeeffameera.

Kana malees gareen murna PP’n ijaaraman kunneen Ebla 27, 2025 aanaa Agarfaa ganda Faranjoo Wageedaa jedhamuttis namoota hariiroo murna gabroomfataa PP waliin qabanis fakkeessuummaaf butaa kan jiran oggaa ta’u, milishaan sirnichaa tokkos akka butame dabaluun ibsaniiru.

Walumaa galatti aanaalee godinichaa keessatti sochiin waraanni faashistii PP WBO fakkaachuun hawaasa irratti taasisaa jirus daran yaaddessaa ta’uun kan himamu yoo ta’u, halkan walakkaa lafaa namoonni butamuun maallaqa gurguddaa gaafatamaa akka jiranis itti dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading