• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sadan Canqaatti loltoonni faashistii PP dargaggoo tokko rasaasaan rukutanii madeessuun ibsame

May 1, 2025

ONM-ABO Caamsaa 1, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa bakka addaa Shawaa Baarrii jedhamutti Ebla 29, 2025 farri riphee lolaa tokko dargaggoo maqaan isaa Dabalaa jedhamu badii tokko malee rasaasaan mataa isaa rukutee madoo ulfaataa taassisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen magaalichaa ONM’tti himanitti dargaggoon madaa’e kun balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi hariiroo qaama siyaasaa kamiyyuu irraa walaba ta’uu ibsuun haalli fayyummaa dargaggeessa kanaa yeroo ammaa baay’ee yaaddessaa ta’uu irraan kan ka’e hospitaalli naannichaa magaalaa Qaaqeetti argamu yaalii gochuufii dadhabuun gara olaanutti rifeerii gochuufiin ibsameera.

Gara jabeeyyiin dantaa sabaaf hojjechuu irra ofittummaan guutamanii faayidaa dhuunfaa isaanii dursuuf tattaafatan jaleewwan Abiy Ahimed, qajeelfama dabaa abbaa isaanii irraa fudhatanii bobba’an galmaan ga’uuf jecha balleessaa isaanii malee ilmaan Oromoo bakka arganitti rasaasaan akka baala mukaatti harcaasaa jiraachuun beekamaadha.

Leave a Reply