• Wed. Nov 25th, 2026

Hoogganaan Peentaagoon Iraan finciltoota Huutii deggaruun deebii biraa akka harkisu akeekkachiise

May 1, 2025

ONM-ABO Caamsaa 1, 2025 

Ministirri Ittisaa Ameerikaa Piit Hegseet Roobii darbe Iraan milishoota Huutii deeggaruun deebii akka ishee mudachiisu akeekkachiisaniiru. Akeekkachiisni kunis, Ameerikaan sagantaa niwukilaraa ishee Iraan waliin marii irra deebitee yeroo jalqabdee jirtutti.

Ameerikaa fi Iraan hanga ammaatti marii al-kallatti marsaa sadii kan gaggeessan yoo ta’u, dhimmicha kan mariisiste biyya Galoo Galaanaa Omaan yoo taatu, waliigaltee Teeyiran meeshaa niwukilaraa akka hin arganne ugguruu danda’u, garuu qoqqobbii dinagdee Waashingitan keesse kaasuuf kaayyeffate.

Gareen lamaan Sanbata dhufu Roomitti deebi’anii walitti qabamu.

“Huutiif deeggarsa ati gochaa jirtu  ni argina. Waan ati hojjettu sirriitti beekna,” jechuun Hegset X irratti barreesse. “Waraanni Ameerikaa maal akka danda’u sirriitti beekta — akkasumas akeekkachiifamteetta. Yeroo fi bakka filannee bu’aa ni kaffaltu” jedhe.

Hegseth, akkaawuntii dhuunfaa isaa X irratti, ergaa Pirezidaant Tiraampiin miidiyaa hawaasummaa Truth Social irratti Bitootessa irraa kaasee maxxansan kan Pirezidaantichi haleellaa milishaan Huutiin raawwatame kamiifuu Iraan itti gaafatamummaa akka fudhatu dubbatan irra deebiin maxxanse.

Hogganaan Iraan garuukanaan dura gareen hidhattootaa Yaman Huutiin of danda’ee akka socho’u dubbatanii turuu Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply