• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti hidhaa fi saamichi waraana faashistii PP’n raawwate 

May 2, 2025

ONM-ABO Caamsaa 2, 2025 

Kaleessa Caamsaa 1, 2025 godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda  Kiichii jedhamutti loltoonni impaayerattii saamicha raawwachuun, namoota nagaas ukkaamsuun gara waajjira poolisii aanichaatti geessanii hidhuun ibsameera.

Namoonni loltoota murna loltoota faashistii PP’n qabamuun hidhamanii jiran maqaan isaanii:

  1. Danuu Taganyee,
  2. Sintaayyoo Addunyaa,
  3. Dinqee Fiqaaduu,
  4. Galaanee Raggaasaa fi 
  5. Guddinaa Tasfaa kanneen jedhaman ta’uus ONM’f eeraniiru.

Oduu saamichaatiin ammoo:

  1. Goshuu Maammoo jalaa fardeen 9 fi midhaan nyaataa gosa garaa garaa ardaba 18 kan saaman yoo ta’u,

kana malees ganduma kana irraa guyyaadhuma kana hawaasa nagaa hedduu baay’inni isaanii 50 ol ta’an ukkaamsuun gara magaalaa aanichaatti fuudhanii deemuun beekameera.

Leave a Reply