ONM-ABO Caamsaa 2, 2025
Erga walitti dhufeenyi Abiy Ahimed fi Isaayyaas Afewarq laafee kaasee hariiroon siyaasaa Finfinnee fi Asmaraa gidduu jiru naannichatti yaaddoo uumuu irra darbee naannoolee daangaa biyyoota lamaanii jiran Affaarii fi Tigraay irratti komeen mootummaa Shaabiyaa waliin walitti dhufeenya taasisaa jiru jedhuu fi dirree lolaa ta’u jedhu namoota tokko tokkoon ni dubbatama.
Keessumaa baatii Ebla darbee keessa miseensi mana maree naannoo Affaar Obbo Ibraahim Usmaan namoota biroo waliin naannicha irraa daangaa Itiyoophiyaa ce’anii gara Eertiraatti baqatan jedhamee kaasee naannoon Affaar sodaa naannicha keessatti rakkoon nageenyaa biraan ni dhalata jedhuun goolama keessa jira.
Obbo Usmaan malee uummatni Affaar kanneen biroos daangaa ce’anii achuma Eertiraa yoo deeman namootni muraasni gara Tigraayitti deemanis akka jiran maddeen naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Qonnaan bultootni fi dargaggootni Affaar naannicha gadi dhiisanii waan gara Eertitraatti deemaniif as deebi’anii Eertiraa waliin na lolu sodaa jedhu kan horate bulchiinsi Abiy Ahimed kara pirezidaantii naannichaa Awwal Arbaa ajaja gadi buusuun maatii namoota gara Eertiratti baqatanii fi hiriyoota isaanii irratti doorsisa, reebichaa fi hidhaa geggeessaa jiru.
Torbee kana keessa maatii firootni isaanii deemaniin Eertiraa irraa yeroo dhiyootti hin deebistan taanaan tarkaanfiitu isin irratti fudhatama jechuun doorsisuu fi hawaasa keessaa moggeessaa jiraachuun barameera.
Sababa kanaanis dargaggootni fi qonnaan bultootni adeemsa bulchiinsa ergamtoota Abiy Ahimed naannichaa irraa sodaa qabaniif magaalaa irraa gara baadiyaatti akkasumas naannoo jireenyaa isaanii irraa bakka biraatti baqachaa jiru.
Uummatni naannoo Affaar hedduun miidhamaa misoomaa yoo ta’u, Bilxiginnaan dhiheenya kana warshaa ashaboo qarshii miliyoona 300’n hojjetamuun hawaasa naannichaa 1500 ta’aniif carraa hojii bane cufsiisee uummaticha agabsuun qamadii hektaara muraasa akka naannichi guutuun misoomeetti Abiy Ahimed akka gaazexeessaatti beeksisaa kan ture yoo ta’u, rakkoon nageenyaa daangaa Soomaalee fi Affaar gidduu jiru osoo hin furamne ministeerri nageenyaa Abiy Ahimed pirezidaantota naannoolee lameenii biirootti waamee nutu wal lolchiise jechuun nagaa akka buusan dubbachiisee harka wal qabsiisee turuun ni yaadatama.


