ONM-ABO Caamsaa 4, 2025
Waraanni bulchiinsa Abiy Ahimed kanneen teessoo nama tokkoo tiksuuf bobbaafamaa jiran uummata nagaa hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamii keessaa walaba ta’an maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun yakkanii saamuu, manneen irratti gubuu, qabanii hidhuu fi ajjeechaa seermaleessa geggeessuu hammeessuun, Caamsaa 3, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti manneen jiraattotaa lama qabeenyaa keessa jiru guutuu waliin ibidda itti shidanii barbadeessuun dhaga’ameera.
Jiraattotni manneen isaanii jalaa gubate kunneen ganda Waabaa Eebbaa bakka addaa Tuulama jedhamu irraa yoo ta’u, maqaan isaanii; Ammaddamiin Adam fi Badiiruu Amaddiin kanneen jedhaman akka ta’es ibsaniiru.
Uummanni aanaa Anfilloo sochii waraanni murna Bilxiginnaa guyyuu maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaafamuun dhiittaa mirga namoomaa geggeessaa jiruun ooyiruu isaatti ba’ee dalagachuun itti cimee akka jirus kan dubbatu yoo ta’u, keessattuu gandoota akka Waabaa Eebbaa, Kuuroo, Yaadannoo Yattii, Seertum, Yallii fi Goomiitti dararaa fi saamicha dabalatee namoonni hedduun ukkaamfamuun dhabamsiifamaa akka jiran itti dabaluun ONM’f ifoomsaniiru.

