• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruutti hidhaan jiraattota irratti hammaachuu ONM odeeffate 

May 4, 2025

ONM-ABO Caamsaa 4, 2025 

Waraanni maafiyaan PP uummata nagaa sarbee akka fedhii fi ilaalcha mataa isaatti bulchuuf jecha saamicha, hidhaa fi ajjeechaa ulaagaa hojii taasifachuun sarbamiinsa adda addaa raawwachuu cimsee itti fufee kan jiru oggaa ta’u, maqaa ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuunis godina Lixa Wallaggaa aanaa Haaruutii uummata danuu ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

Namoonni qabamuun hidhamanii jiran hidhaa irraa baafamuuf qarshii gurguddaa gaafatamaa akka jiran kan himamu yoo ta’u, isaan keessaa kanneen maqaan nu ga’e jiraataa ganda 02: 

  1. Balaay Galataa fi  

jiraattota ganda Guddattuu: 

  1. Dullee Gammachuu Kabbadee fi 
  2. Gamachuu Faqqadee kanneen jedhaman akka ta’an beekameera.

Hidhamtoota siyaasaa onicha keessatti hiraarfamaa jiran keessas kanneen waggaa tokkoo fi baatii shanii ol lakkoofsisan keessatti kan argaman yoo ta’u, haalli waliigala onicha keessatti adeemaa jirus daran yaaddessaa ta’uus itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply