• Wed. Nov 25th, 2026

Murni Bilxiginnaa namoota maadhee Waraana Bilisummaa Oromooti jedhamuun shakkaman hedduu walitti qabuun leenjii yeroo adda addaatti laachuufiin bobbaasaa jiraachuun dhaga’ame

May 4, 2025

ONM-ABO Caamsaa 4, 2025 

Gareen diigumsa Waraana Bilisummaa Oromootiif guyyuu ciisee hin bulle, kallattiilee adda addaan akkaataa ittiin mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo diigamuu danda’a jedhanii yaadan cufa soquun hojiilee jal’inaa garaa garaa irratti bobba’uun burjaajii uumuuf sochii irra akka jiran odeessi maddeen keessoo sirnichaa irraa ONM’n qaqqabe ni addeessa.

Keessattuu gantummaa moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoo mudatee ture hordofee murni Sanyii Nagaasaa waliin gale maadheelee isa waliin hojjechaa turan kanneen Oromiyaa keessaa bakka adda addaa irra jiran goyyomsaa fi doorsisaan walitti qabanii leenjii baatii tokkoo bakkeewwan adda addaatti kennaafii akka turan ibsameera.

Kaayyoon leenjii sanaas mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo akkaataa ittiin balleessanii fi namoota magaalaa keessa taa’uun deggersa adda addaa waraana bilisummaa Oromoof taasisan adamsuun tarkaanfii irratti fudhachuu irrattis kan fuulleffate oggaa ta’u, bakkeewwan tokko tokkottis hojiilee jal’inaa isaanii itti fufuun sabboontota hedduu hiisisaa akka jiranis beekameera.

Gareen biyyoota ambaa irra jiranis manneenii fi lafa manaa isiniif laanna goyyomsaa jedhuun gara impaayerattiitti kadhannaa Sanyii Nagaasaan akka galaa jiran kan himamu yoo ta’u, irra jireessaanis namoota isaanitti dhiyaatu akka ta’es beekameera.

Leave a Reply