ONM-ABO Caamsaa 4, 2025
Muummichi Ministeeraa Yaman Ahmed Bin Mubaarak Sanbata kaleessaa aangoo gadhiisuu isaanii kan beeksisan yoo ta’u, gufuu irra deddeebiin aangoo heera mootummaa akka hin fayyadamne isaan dhorke sababa godhachuuni.
Mubaarak barreeffama X irratti barreesse keessatti: “Ani amma dura taa’aa Mana Maree Hooggansaa Pirezidaantii, Rashad al-Alimi waliin walgahii taa’een xumureera, yeroo sanatti aangoo gadhiisuu koo muummicha ministeeraa ta’ee itti kenneera” jedhe.
Itti dabaluudhaanis, “Yeroo rakkisaa biyyi keenya keessa darbaa jirtu kana keessatti hojii isaa akka raawwatuuf nama ana bakka bu’uuf nan kadhadha, hundi akka deggaruuf waamicha nan dhiyeessa jechuun dabalee dubbateera.
Manni Maree Hooggansaa Pirezidaantii hanga ammaatti deebii seeraa hin kennineef jechuun Yamanii bakka lamatti baatee bulaa jirtuuf garee Huutii Yaman Kibbaa keessa taa’ee falmuuf Muummicha Ministeeraa kan ta’an xalayaa aangoo gadhiisuu galfachuu isaanii Anaadooluun gabaaseera.

