• Tue. Nov 24th, 2026

Haleellaa Israa’el osoo itti fufeen lakkoofsi namoota du’anii 52,600tti dhiyaatuun barame

May 6, 2025

ONM-ABO Caamsaa 6, 2025 

Onkoloolesa bara 2023 irraa eegalee yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 52,567 ajjeefamaniiru jedhan ministeerri fayyaa Wiixata kaleessaa.

Ibsi tajaajilaa ba’e akka jedhutti, sa’aatii 24 darban keessatti haleellaa Israa’el irratti namoonni 32 kan du’an yoo ta’u, kanneen biroo 119 ammoo miidhaan irra ga’eera.

Itti dabaluudhaanis, “Miidhamtootni hedduun baraartonni isaan bira ga’uu waan hin dandeenyeef ammallee caccabaa fi daandii irratti qabamanii jiru,” jechuun dabalee dubbateera.

Waraanni Israa’el haleellaa lubbuu namaa galaafate Gaazaa irratti Bitootessa 18 deebi’ee kan jalqabe yoo ta’u, ergasii gara namoota 2,500 ajjeesee namoota 6,500 ol madeesseera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply