ONM-ABO Caamsaa 6, 2025
Uummanni Oromoo biyyaa akka baqatu kan taasisaa jiru rakkoo hamaa impaayera Itiyoophiyaa keessatti uummata Oromoo irra gahaa jiru akka ta’e dubbachuun, uummanni biyya isaa keessatti rakkoo hamaa keessa jiraachuu kan dubbatan garuu biyya irraa baqachuun furmaata hin ta’u jechuun akeekan.
Haalli Oromoon biyyoota garaa garaa keessatti baqattummaan itti jiru rakkisaa ta’us, qabsoo barbaachisu taassifnee biyya keenya irratti abbaa biyyaa ta’uutu furmaata isa dhumaati jechuun yaada isaanii ibsan.
Sabni Oromoo rakkoo isa mudate kana hundeen furuuf mariyachuu akka qabuu fi egeree ofii tokkummaan murteeffachuu akka qabu dubbatan.
Akka hawaasa addunyaatti akka guddina isaa sadarkaa isaaf malu kan hin argannes Oromoo jechuun ifoomsan.
Sabni Oromoo baqattummaa irraa gara qabsoo haqaatti masakamuutti fulleeffachuun mirga abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffachuun fardiidha jechuun hubachiisan.
Oromoon gamtaan loluun salphina amma keessa jiru keessaa bahuuf dammaquun yaada tokkoon lafa isaa irratti abbaa ta’uu qaba jechuunis dubbatan.


