• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun leenjii waraanaatti guuruu fi daldaltoota hedduu ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuun himame

May 7, 2025

ONM-ABO Caamsaa 7, 2025 

Aanaa Baddannootti kaabinoonni fi milishaan Bilxiginnaa torban lama duraa eegaluun ilmaan isaanii dhiisanii ilmaan jiraattota biroo dirqamaan ukkaamsaa kan jiran yoo ta’u, Caamsaa 5, 2025 barataa maqaan isaa Firoomsaa Boruu jedhamu osoo reebanii qilee buusuun miidhaan irra ga’ee yeroo ammaa kana du’aaf jireenya gidduutti kan argamu ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Kana malees, ganduma sana keessaa lukkeeleen kunneen halkan sa’atii 8:48’tti namoota maqaan isaanii Diinaa Muummee Hasan, Diinaa Yaayyaa Hasanii fi kanneen biroo hedduu ta’an jalaa ulaa cabsuun ilmaan isaanii fuudhanii deemuun dabalataan himameera.

Aanaadhuma Baddannoo bulchiinsa magaalaa Furdaa jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf dhama’an, torbee darbe keessa daldaltoota dukkaana qabaniin “meeshaalee nutti qaalesitan” jechuun namoota baay’inaan konkolaataa tokko ta’an guuranii deemuun bakka buutee isaanii dhabamsiisuu fi hanga gabaasni kun qindaa’etti kan hin argamin jiran ta’uu jiraattonni magaalichaa addeessaniiru.

Leave a Reply