• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti loltoonni PP jiraattota dararuu akkaan cimsanii itti fufan 

May 7, 2025

ONM-ABO Caamsaa 7, 2025 

Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo bakkeewwan adda addaatti lukkeeleen Abiy Ahimed sababoota garaa garaa wabeeffachuun hawaasa meesha maleeyyii irratti gochoota gara jabinaa raawwachuu itti fufuun, wayita ammaa kana araddaa Gabbis keessatti “WBO’tu nutti dhufa” jechuun halkanii fi guyyaa qonnaan bultoota hojii idilee isaanii irraa ugguruun daandii gubbaatti baasanii dabareedhaan eegumsa naannoo eegsisaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dabalataanis, guutummaa aanichaa keessatti jiraattonni irra deddeebiin jumlaan ukkaamfamuun gara leenjii waraanaatti oofamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Bulchiinsi Abiy Ahimed adeemsi olii fi gadi harkatti babbadee gara itti deebi’u dhabee rakkachaa jiru Koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti jaleewwan isaa kumaatamaan bobbaasuun uummata Oromoo irratti gochoota garaa garaa raawwachiisuu itti fufee jira.

Leave a Reply