ONM-ABO Caamsaa 7, 2025
Fedhii mootii 7’ffaa ta’uu qabuu fi harmeen koo daa’imummaan abjuu kanaa natti himte jechuun waltajjii hedduu irratti kan dubbate faashistichi Abiy Ahimed, sochii uummatni Oromoo fi sabaa fi sablammootni garee ajjeesaa kana of irraa fonqolchuun maraatummaa oduu durii Abiy Ahimed fashaleessuuf deemaa jiran dura dhaabbachuuf dargaggoota impaayerattii humnaan qabee leenjii waraanummaatti ergus mooricha keessa turuun dadhabamee jira.
Dargaggootni carraan hojii duraa fudhatamuun waraanatti ergaman, kan jeneraal Shumaa Abdataa fi Warqinee Gabayyoo yeroo sirna fuudhaa fi heerumaa geggeessan, ilmaan hiyyeessaa kunneen irbaata rasaasaa akka ta’aniif maqaa birmadummaa biyyaa, olaantummaa seeraatu cabe, fedhii biyyoolessaa milkeessuu fi hawwii lammiilee yeroo dheeraa guutuufi jechuun qe’ee maatii isaanii keessaa qabamanii fe’amu.
Haa ta’u malee mooraan waraana faashistii PP kan sobaan ijaarame akkaataa fedhetti dargaggoota sana bulchachuu dadhabuu fi badii gareen kun lammiilee nagaa irratti raawwatu sirrii akka hin taane kanneen hubatan dhiisanii ba’aa jiru.
Isaan keessaa baatii darbe Caamsaa 1, 2025 hanga Caamsaa 6, 2025’tti guyyaa 6 qofa keessatti waraanni faashistii PP 28 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaatti harka kennatanii jiru.
Miseensotni waraana PP kunneen qawwee AKM, Isnaayippera, Bireenii, rasaasa, boombii fi hidhannoo qabatanii dhaquun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiru.
Qondaaltotni waraana Abiy Ahimed Zawuduy Balaay, Ababawu Taaddasee, Dirribaa Mokonnonii hanga Biraanuu Juulaatti waraana jabaa ijaarreerra, WBO’n ammoo rukutamee hojii funaansaa irra jirra jechuun dubbachuu erga eegalanii waggaa lakkoofsisus gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo garuu humna diinaa reejimentiin barbadeessaa fi loltoota Abiy dhibbootaan itti badan simachaa jiraachuun ni beekama.

