• Tue. Nov 24th, 2026

Ajjeechaa fi hidhaan waraana garboomfataa PP’n rawwaatamu Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti cimuu jiraattonni ONM’f eeran

May 8, 2025

ONM-ABO Caamsaa 8, 2025 

Hiree fi jireenya ati jiraachuu qabdu nutu siif murteessa kan jedhan lukkeeleen Abiy Ahimed aduu-dhihee bari’u qe’ee uummata bal’aa gaddaa fi gadadoon golguun kiyyoo du’aa jalatti sabicha kuffisanii kan jiran Caamsaa 2, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti ajjeechaa suukkanneessaa jiraattota irratti raawwachuun beekame.

Bifuma kanaanis jiraattota ganda Manaamoo kanneen maqaan isaanii:

  1. Araarsaa Mulgeetaa fi 
  2. Shuumaa Imaanaa 

jedhaman qabuun naannoo mooraa isaanii kan bakka Buraarii jedhamutti argamu geessuun ajjeesanii gochoota safuu hawaasaa fi heera uumaa cabsu ibidda itti shiduun akka gubanis jiraattonni dubbatu.

Kana malees shamarree maqaan ishee Butugee Asaffaa jedhamtus maqaa ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun qabanii waajjira bishaanii ganda 01 keessatti argamutti hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply