ONM-ABO Caamsaa 9, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qallinaa bakka addaa Malkaa Godaanaa jedhamutti Caamsaa 6, 2025 hawaasa dirqamaan waltajjji baasuudhaan gosoota midhaanii jiran keessaa namni boqqolloo facaasee argame ofii isaatiif harka isaatiin tarkaanfii ajjechaa of irratti fudhata jechuun uummatatti dhaadatanii murtii jal’aa murteessanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Kana malees guyyuma kana gandichuma keessatti goolessitoonni waraana PP kunneen hawaasa nagaa irratti yakkoota garaa garaa kanneen akka hidhaa, reebichaa fi dararaa ulfaataa maqaa adda addaan hawaasa naannichaa irratti raawwachaa jiraachuus jiraattonni itti dabaluun ifoomsaniiru.
Gareen Abiy Ahimed ilmaan Oromoo irratti gocha duguuggaa sanyii labsee uummata kan fixaa jiruun cinatti yeroo fedhetti miidiyaa of harkaa qabutti dhimma bahuun waa’ee misoomaa fi badhaadhinaa kan hafarsu ta’us, dhugaan jiru garuu midhaan uummatni qotee irraa fayyadamu dhorkuun balaa beelaaf saaxilaa akka jiru tilmaamuun nama hin dhibu.



