ONM-ABO Caamsaa 9, 2025
Meeshaalee waraanaa oomishaa jirraa fi gara biyyoota alaatti gurgurree galii argamsiisuu dandeenyerra jechaa uummataan meeshaa bitaa jechuun uummatatti gaaffii uumee jira
Gareen faashistii PP galii tiriyoona 1.5 walitti qabne, meeshaa waraanaa oomishuun of dandeenye, guddina keenya addunyaatu ragaa nuuf ba’aa fi nagaa guddaa arganneerra jechuun miidiyaa irraa wawwaataa oolan, qonnaan bulaa qaala’iinsi jireenyaa rakkisaa jirutti deebi’uun dirqiin maallaqa isaan kaffaluu hin dandeenye irraa fuuchaa jiru.
Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii fi gandoota baadiyyaa humna waraanaan seenaanii ba’an hunda irraa walumaagalatti qarshii miliyoona 10 funaanuuf irratti hojjechaa jiraachuun barameera.
Maallaqni hangi kun kan waggaa kurnan darbe dura baajata waggaa aanichaa ta’e maaliif kaffalla jedhanii gaafachuuf mirgi kan hin jirre yoo ta’u, hawaasa walitti qabuun, manneen namootaa irra deemuunii fi dhuunfaan abbootii qabeenyaa dubbisuun qawwee aanaa keessan ittiin eeggattan bituuf maallaqni hangi kun isinitti ramadameera, kaffaluun dirqama keessani jechuun haadha hiyyeessaa irraa qarshii 1000 abbootii qabeenyaa irraa hanga qarshii 200,000’tti hummaan lubbuu fi qabeenyaa isaaniin sodaachisuun irraa fuuchaa jiraachuu odeessi waajjira aanaa Anfilloo irraa nu qaqqabe ni addeessa.
Mootummaan biyya bulchu tokko nagaa fi tasgabbii diriirsee tajaajila hawaasummaa guutuun lammiileen jireenya gaarii of irraa bu’anii akka jiraatan taassisuun dirqama ta’us, bulchiinsi Abiy Ahimed garuu wal waraansaa fi badiisa labsuun qawwee bichisiisee uummata wal ficcisiisuuf karoora seexanaa baafatee jiraachuun hojii isaa kana irraa ni hubatama.
Yeroon kun akka aanaa Anfillootti yeroo sochiin daldalaa qabbana’aa fi kanneen baadiyyaa irra jiran qonna gannaaf lafa qopheeffatan akkasumas sanyii naannoo tokko tokko facaafatan malee maallaqa akka baatii birraa yeroo bunni diimatuu fi yeroo bonaa buna gogaan maallaqni argamu akka hin taane osoo beekanii hawaasa deggersa barbaadu waan isaan of harkaa hin qabne dirqiin liqeeffatanii illee akka kaffalan taasisaa jiru.
Abiy Ahimed fi jaleewwan isaa of dandeenyerra, nagaan bu’eera jechuu irra darbanii maallaqa liqii Sudaan Kibbaaf gargaarsa doolaara miliyoona 15 Sudaan wal waraansa irra jirtuuf jechuun of agaraiisaa qe’ee irraa ammoo uummata hiyyeessa kaffaluu qabdaan yoo boossisan, nagaa barbaannaa fi meeshaa waraanaa oomishaa jirra jettan akkasumas biyyoota alatti gurgurre galii argamsiisaa jirra jettan isuma maaliif nu hin hidhachiistan jedhanii gaafachuun mirgi itti hin jiru ykn du’aa fi hidhaa akka ta’e ni beekama.

