• Wed. Nov 25th, 2026

Loltoonni Abiy Ahimed rifeensa nam-tolcheen faayamuun Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti miidhaa geessisaa fi hawaasa burjaajessaa jiraachuun ibsame

May 9, 2025

ONM-ABO Caamsaa 9, 2025 

Shiftoonni koloneel Abiy Ahimed diraamaa sobaan uummata nagaa hiraarsuu cimsanii itti fufuun godina Arsii Bahaa aanaalee adda addaatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf tarkaanfii ofiin fudhataniin alattis diraamaa adda addaa hojjechuun uummata rakkisaa jiru.

Haaluma kanaanis Arsii Bahaa aanaa Suudee keessatti namoota nagaa adamsuun ajjeesuu fi ukkaamsanii maallaqa gaafachaa jiraachuu jiraattonni naannichaa gabaasanii jiru.

Akka jiraattonni jedhanitti Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun maqaa WBO himataa akka deemaa jiranii fi rifeensa magaalaa irraa bitanii mataa isaaniitti tolfachuun qabsiisanii deemaa jiraachuus itti dabaluun eeraniiru.

Aanicha keessatti WBO’n tarkaanfii ergamtoota Abiy Ahimed irratti fudhachuun injifannoo galmeessaa jiraachuu irraan kan ka’e, tooftaa ittiin WBO’n uummata biratti jibbamu tolfachuun Waraana Bilisummaa Oromoo of fakkeessanii yakka gurguddaa raawwachaa jiru.

Waraanni Abiy Ahimed Oromiyaa bakkoota adda addaattis gochaawwan wal fakkaatoo ittiin uummata barjajeessanii fi miidhanii WBO ittiin jibbisiisan baafatee hojjetus uummata biratti garuu fudhatama hin arganne.

Gochuma kana aanaa Sudee fi kanneen biroo keessatti WBO fi uummata gargar baasuuf kallattii kanaan hojjetanis uummatni warreen maqaa WBO’n hooggansa malee socho’u, sa’a malee namatti deemuu, miidhaa qaqqabsiisuu fi kkf adda baafachuun WBO naannoo jiraniif gabaasa akka gootan isin beeksifna.

Leave a Reply