• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota maallaqaan bitanii gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufan 

May 10, 2025

ONM-ABO Caamsaa 10, 2025 

Aanaa Suudee keessatti torban lamaan darban irraa eegalee jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa irraa dirqamaan maallaqa humnaa olii saamuun nama tokko qarshii 30,000’n bituun gara leenjii raayyaa ittisa impaayerattiitti ergaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kana ammoo namootni dhabamnaan gatii itti dabaluun hanga qarshii 40,000’tti bitanii ergaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, aanicha keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa lammiilee nagaa irratti raawwatus haala duraan barameen olitti daran cimee itti fufee jiraachuun dabalataan ibsameera.

 Koloneel Abiy Ahimed oggaa uummanni Oromoo sirna bulchiinsa isaa balfee fuula irraa naanneffatu, faayidaa dhuunfaa waanuma xiqqoo dura qabee goyyomsee of jala hiriirsuuf yaalii taasisuu irra darbee maallaqaan bituun akka barcuma isaa tiksuuf du’aniif leenjiitti ergaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply