• Fri. Nov 20th, 2026

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sooddoo Daacciitti waraanni goolessaan impaayerattii hawaasa nagaa irratti dhukaasa banuun qabanii miidhaa qaamaa ulfaataa irraan ga’uun ibsame

May 11, 2025

ONM-ABO Caamsaa 11, 2025 

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Laangaanoo jedhamu keessatti Caamsaa 9, 2025 namoota nagaa bakkee keessa ari’anii rasaasa akka bokkaa irratti roobsuun erga qabanii booda maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistanii fi bakka isaan jiran beektuu, amma nutti himaa jechuun reebicha jabaa kan irratti raawwatan yoo ta’u, yeroo ammaa namoonni kunneen miidhama qaamaa ulfaataa isaan irra gaheen du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru

Namoonni ergamtoota sirnichaan badii malee reebaman kunneen maqaan isaanii:

  1. Turaa Tashoomaa,
  2. Cannaqaa Shilashii,
  3. Shilashii Tashoomaa,
  4. Abiishee Sooressaa fi
  5. Kaasayee Alamaayyoo yoo ta’an, 

namoonni kunneen reebicha haalaan hammaataa irratti raawwatameen haalli fayyummaa isaanii yeroo ammaa yaaddessaa ta’uu jiraattonni dabaluun ifoomsanii jiru.

Tiksitoonni impaayera bututaa raafamtee hundeen buqqa’uuf qarqara irra geessee jirtu deebisanii utubuuf rakkachaa jiran kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti maqaa seera kabachiisna jedhu sababeeffachuun kan bobba’an dirqama sakattaa WBO’f qabatanii bahan of cinatti dhiisuun uummata nagaa adamsanii gochoota dhiittaa mirga namoomaa raawwachaa jiru.

Leave a Reply