• Fri. Nov 20th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii irraa waraanni raayyaa ittisa impaayerattii baay’inaan 11 ta’an Bireenii 1 dabalatee meeshaalee waraanaa qabachuun WBO’tti makaman

May 12, 2025

ONM-ABO Caamsaa 12, 2025 

Humnaa fi gowwomsaan qabamanii leenji’uun ormaaf ergamaa jiraachuu isaanii of irratti baruun guyyuu hidhannoo guutuun WBO’tti makamaa kan oolan loltoonni koloneel Abiy Ahimed Caamsaa 8, 2025 miseensonni waraanaa raayyaa ittisa Abiy Ahimed baay’inaan 11 ta’an aanaa Aqaaqii  irraa WBO’tti harka kennatanii jiraachuun ibsameera.

Loltoonni sirnichaa duraanii kunneenis Bireenii 1, qawweee  AKM 2, jorooroo 400, rasaasa AKM 500, boombii 4 hidhannoo guutuu waliin mooraa balfamaa PP keessaa qabatanii ba’uun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii kan godhan oggaa ta’u, simannaa WBO’n isaaniif godhetti gammaduu ibsuun, kanaan dura murna nama nyaataa PP kanaaf qawwee baatanii ergamaa turuutti dhiifama gaafachuun ilmaan Oromoo mooraa diinaatti hafanii saba isaanii hiraarsaa jiraniinis, impaayera Itiyoophiyaa utubuuf saba keessan duguuguu dhiisaatii yeroon meeshaa keessan waliin qabsoo bilisummaa saba keessanii ABO-WBO’n geggeeffamaa jiruutti makamaa jechuun dhaamaniifii jiraachuu dabalataan hoogganni WBO onichaa ONM’f eeree jira.

Akka guutuu Oromiyaatti dirqamanii leenji’uun barcuma Abiy Ahimed tiksuuf lubbuu isaanii dhabaa kan jiran ilmaan Oromoo gareen maafiyaan kun saba keenyaaf hin ta’u jechuun mooraa diinaa gananii qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply