• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti murni maafiyaan PP barsiisotaa fi qonnaan bultoota irratti saamicha geggeessaa jiraachuun beekame

May 12, 2025

ONM-ABO Caamsaa 12, 2025 

Caamsaa 6, 2025 Ergamtoonni faashistii PP maqaa sakattaa  WBO’n godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Guddina Biyyaatti bobbaafamuun, barsiisota mana barumsaa Lalistuu Xajjii sadarkaa 1’ffaa kanneen ta’an,  namoota maqaan isaanii:

  1. Barsiisaa Taakkalaa Fufaa,
  2. Barsiisaa Abboomaa Tafarii,
  3. Barsiisaa Abiraam Tasfaa,
  4. Barsiisaa Maarqos Abbabaa fi 
  5. Barsiisaa Malkaa Waaqtolaa 

kanneen jedhaman jalaa badii tokko malee bilbiloota isaanii saamanii deemuu dubbatu.

Kana malees jiraattota gandichaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Sarbeessaa Tsaggaayee jalaa qarshii 10,000,
  2. Daawwit Dhiinsaa jalaa bilbila harkaa 1,
  3. Qaruuraa Xiiqii jalaa qarshii 1600 yoo saaman nama maqaan isaa,
  4. Balaay Jambaruu jedhamu ammoo lakkoofsa herregaa Baankii isaanii itti kennuun dirqamaan qarshii 50,000 irratti galchi jedhanii doorsisaa jiraachuunis ibsameera.

Leave a Reply