• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti loltoonni impaayerattii jiraattota irratti dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu itti fufan

May 12, 2025

ONM-ABO Caamsaa 12, 2025 

Aanaa Baabboo Gambeel ganda 02 irraa loltoonni impaayerattii utubuuf halkaniif guyyaa dhama’an, torban darbe keessa jiraataa magaalaa Baabboo Gambeel kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Idiris Sulemaan jedhamu mana jireenyaa isaa keessaa ari’achuun erga baasanii booda, ofii isaanii itti galanii buufata godhachuun hawaasa dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Obbo Idiris badii qe’ee isaa irraa isa godaansisu kan hin qabnee fi sababa Oromummaa isaa qofaaf mana isaa irraa ugguramuun yeroo ammaa kana bakka jiraatu dhabee, maatii isaa waliin rakkoo hamaaf saaxilamee kan jiru ta’uun ibsamee jira.

Kana malees, ergamtootni kunneen dargaggootaa fi qonnaan bultoota baadiyyaa irraa gara magaalaa oomisha isaanii gurgurachuuf deeman adamsanii ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu jiraattonni magaalaa Baabboo Gambeel itti dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply