ONM-ABO Caamsaa 13, 2025
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa jedhamu irraa Caamsaa 9, 2025 loltoonni faashistii PP jiraattota maqaan isaanii:
- Wandimmuu Tamasgeen fi
- Tolaa Tamasgeen
jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Hidhaa fi dararaan haalaan keessatti jabaatee kan jiru onichi aduu-dhihee bari’uun dargaggoota hojiilee qonnaa fi oomishaalee adda addaa irratti xiyyeeffachuun jiraatan hidhaan hiraarsuu fi ukkaamsee dhabamsiisuun, maatii qara ilaalchisaa hambisaa jira kan jedhan jiraattonni, dargaggoonni dhibbootaan lakkaa’aman waggoottan kana keessa qe’ee isaanii irraa qabamuun osoo hin deebi’in kan hafanis hedduu akka ta’an dabaluun himaniiru.
Jaleewwan Bilxiginnaa dachee kana irra jiraachuun ilmaan Oromoo sodaa taayitaa isaaf ta’e, maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun yakkoota garaa garaa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

