ONM-ABO Caamsaa 13, 2025
Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Gabbis irraa Caamsaa 6, 2025 tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa hawaasa nagaa hedduu jumlaan ukkaamsuun himame.
Namoota ukkaamfaman keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Mahaammad Abdullaa,
- Haajii Hasan,
- Kaliif Beekamaa,
- Haaruun Muummee,
- Magarsaa Mahaammad,
- Mahaammad Nuuruu fi kanneen maqaan isaanii hin eeramne hedduu ta’uun ifoomeera.
Oduu saamichaatiin ammoo araddaa Rahaa jedhamutti torbee darbe irraa eegaluun kaffaltii waliin isaa hin beekamneen hawaasa dirqamsiisuun qarshii 400 guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees aanaadhuma kana gandoota baadiyyaa 26 jiran keessatti waraanni maafiyaan PP Caamsaa 10, 2025 irraa eegaluun maqaa gosa kaffaltii buusaa gonofaa jedhuun jiraattota nagaa irraa qarshii 500-2000’tti dirqiin fuuchaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Gareen abbaa irree faashistichi Abiy Ahimed gama tokkoon impaayerattiin dhibbentaa 8.4 guddattee jirti jedhee dubbatus, har’as rakkoo fi gadadoon uummanni keessa jiru daranuu yaaddessaa fi egeree dhalootaaf ulfaataa yeroo ta’ee jirutti uummata ofiifuu waan itti jiraatu dhabe irraa qaamni ani mootummaadha ofiin jedhu saamee of jireessaa jiraachuun ni beekama.

