ONM Caamsaa 13, 2025
Aanaa Baabboo Gambeel ganda Daamotaa Mana Jaartee jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa Caamsaa 10, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Obbo Tamasgeen Baqqalaa fi
- Obbo Muusaa Indaaluu
jedhaman sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Qonnaan bultoonni kunneen dhaaba siyaasaa kam keessatti illee hirmaannaa kan hin qabne yoo ta’an, ergamtootni sirnichaa bakka hojii dhuunfaa isaanii irraa ukkaamsuun reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda kan hidhaatti darbatan ta’uun eeramee jira.
Aanicha guutummaa keessatti maqaa adda addaa hawaasatti maxxansuun yakkanii hidhaatti darbachuun qarshii gurguddaa gaafataa kan jiranii fi maatii qabsaa’otaa ammoo yeroo yerootti mana isaanii irra deemuun “dafaa ijoollee keessan galchaa” jechuun doorsisaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

