ONM-ABO Caamsaa 13, 2025
Iraan prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin daawwannaadhaaf qophaa’aa jirti, dubbi himaan mootummaa Iraan Faxumaa Mohajeranii Wiixata kaleessaa dubbachuu RIA’n gabaaseera.
“Imala Puutiin gara Teeyiranitti taasisu yeroo ammaa hojjetamaa jira, qophiin adeemsifamaa jira,” jechuun Mohajeranii tuquun RIAn gabaaseera. Kiremlin irraa yaadni battalaa hin turre.
Puutiin bara 2022tti Iraan keessatti hogganaa olaanaa Alii Kaameenii waliin marii taasisaniiru, kunis bara sanatti Guraandhala 24 loltoota kuma kudhaniin lakkaa’aman Yukireen erga ergee booda, imala jalqabaa hogganaan Kiremlin Gamtaa Sooviyeet ala geggeesseedha jechuun Rooyiters gabaaseera.

