ONM-ABO Caamsaa 14, 2025
Aanaa Qilxuu Kaarraatti ajajaan 100 maqaan isaa Sinqinee Waldee jedhamu waraana raayyaa ittisa impaayerattii qabatee uummata walga’ii yaasuun doorsisa irratti taassisuun himame.
Gara jabummaan isaas daangaa darbaa kan ta’e lubbuu namoota nagaa akka baalaatti harcaasee gootummaatiin kan of dhaadu ajajaan kun kutaalee keessatti bobbaafamaa ture keessatti dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasaa akka ture jiraattonni dabaluun ONM’f eeraniiru.
Doorsisni inni taassisaa ture inni ijoon; waraanni koo yoo bade, yoo madaa’e yookiin yoo du’e jumlaanan isin fixa kanaaf sochii Waraana Bilisummaa Oromoo hordofuun gabaasaa akkasumas, maatii qabsaa’otaas of keessaa baasaa jechuun uummata bahaa fi gala dhorkaa akka jirus addeeffameera.



