ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Hiddi Latiinsaa fi as-dhufaatiin seenaa isaanii gochoota gaarii of keessaa kan hin qabne gareen finxaaleessaa Amaaraa daba dhaalmaa abbaa isaanii Minilik irraa fudhatan milkeessuuf dachee Oromiyaa waggootta sadii oliif bifa haarawaan weeraranii ajjeechaa daangaa darbe raawwachaa kan jiran oggaa ta’u, Caamsaa 9, 2025 godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Qoqooffee bakka addaa Andoodee jedhamutti obboleeyyan lama bifa suukkanneessaan ajjeesuun himame.
Obboleeyyan gara jabeeyyiin kunneen ajjeesan maqaan isaanii:
- Maammoo Goobanaa fi
- Giftiyyee Goobanaa kanneen jedhaman akka ta’anis jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Gareen finxaaleessaa kunneen tumsaa fi deggarsa kaadiroota PP’n Oromiyaa keessatti bobbaafamanii ajjeechaa fi saamicha geggeessaa kan jiran yoo ta’u, qaamni bulchiinsa aanotaa keessa jirus yeroo itti uummanni deemee maaliif nuuf hin birmattan jedhutti, ijaarsaa fi ergama WBO qabdu jechuun hidhuu fi doorsisa irratti akka geggeessanis itti dabaluun himaniiru.

