ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Waraanni naamusaa fi kabajaa namummaa hin beekne, ajjeesuu fi hidhuutti fuulleffatee gocha suukkanneessaa raawwachuun uummata jilbeenfachiisee aangoo Abiy Ahimed tiksuuf hojjetu Caamsaa 13, 2025 godina Boorana Bahaa aanaa Gooroo Doolaatti shamarree tokko ajjeesuun barameera.
Shamarreen ajjeefamte kunis maqaan ishee Orasaa Xulii Wallaallee kan jedhamtu oggaa taatu, tilmaamaan guyyaa keessaa naannoo sa’a 8:00’tti akka ta’es jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Dirreen Oromiyaa harka waraana faashistii PP keessatti guyyaa guyyaatti daa’imman kichuu dhabaa kan jirtu, dhumaatii sabichaaf qaamni dubbatu dhibuun ammoo daranuu akka Koloneel Abiy Ahimed gara jabummaa itti agarsiisuuf ulaa saaqaa jira.
Murni badii gaaffii siyaasaa uummata Oromoo ukkaamsee, dhaabbilee siyaasaa Oromoo fi dhaabbiilee miti mootummaa irraa komee qabiinsaa fi sarbamiinsa mirga namoomaa irratti dhiyaatuuf deebii kennuu dhiisuun ammas bifa tuffiin gocha suukkanneessaa irratti bobba’ee jira.

