ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa seerummaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay TPLF haqee ibsa kaleessa Caamsaa 14,2025 baaseen ifoomseera.
Kunis “tarkaanfiiwwan sirnaa” labsii lakk.1332/2016 jalatti ajajaman hojiirra oolchuuf diduun paartichi haqamuu addeesse. Boordiin filannoo Abiy Ahimed paartiin isaa PP’n osoo kora waliigalaa hin geggeessin beekamtii kenneefii filannootti hirmaachise, TPLF’n garuu haala galmee addaa isaa “hin guunne” jechuun haqe.
Kunis TPLF galmee Hagayya 2024 irraa eegalee ji’a jaha keessatti haala addaa jalatti akka gaggeessu, akkasumas guyyoota 21 dursee boordii akka beeksisu gaafatee ture.
TPLF garuu dhimma kana irratti qajeelfama boordii filannoo kan dide yoo ta’u, beekamtiin seeraa isaa inni jalqabaa karaa waliigaltee Piriitoriyaa Sadaasa 2022 akka deebi’eef falmeera. Kanas gareen lachuu karaa lamaan wal dura dhaabbatanii wal falmaa turan dhiisanii beekamtii waliif deebisuun rakkoo isaanii karaa siyaasaa akka furatan kan jedhu ture.
“Beekamtii seeraa keenya haaluun bu’uura waliigaltee nagaa ni xiqqeessa,” jechuun TPLF Boordiin kun seera jala dhoqachuun hojii dabaa akka hojjechaa jiru himatee ture.
TPLF dabalataan akka jedhutti, waadaa afaaniin qondaaltota federaalaa irraa dhufe irratti hundaa’uun, kora 14’ffaa isa Adoolessa keessa geggeeffachuuf ture dabarsuu ibseera.
Booda irra kora kana baruma darbe baatii Hagayyaa keessa geggeeffatus garee Geetaachoo Raddaa fi Boordii Filannoo Itiyoophiyaan fudhatama dhabeera.
Boordiin Filannoo Abiy Ahimed TPLF’n haquun isaa akkuma armaan dura Abiy boordiin filannoo TPLF yoo haqe deebinee lolatti seenna jedhee turuu isaa kan yaadatanii fi haala hariiroo kufaa Ertiraa fi Itiyoophiyaa bu’uura godhachuun lolli biraan ka’uu danda’a jechuun sodaa isaanii dhageessisaa jiru.



