ONM-ABO Caamsaa 16, 2025
Aanaa Heeban Arsii ganda Xufaa keessatti Caamsaa 13, 2025 sa’atii 10:00’tti waraanni murna Bilxiginnaa mana namootaa irra deemuun uummata hirriba keessaa kaasanii reebicha ulfaataa qaama laalessu erga irratti raawwatanii booda mana hidhaatti galchuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni ergamtoota sirnichaan ukkaamfamanii hidhamanii jiran kunneenis maqaan isaanii:
- Juulaa Gabayyoo,
- Bashir Bariisoo fi
- Bunee Dabalaa
kanneen jedhaman dabalatee hedduu akka ta’an kan himamu oggaa ta’u, namoonni kunneen bulchiinsa magaalichaa Gooljoota keessatti hidhamanii akka jiranis addeeffameera.
Rakkoowwan akka onichaatti uummanni keessa jirus, saamichaa fi hidhaa dabalatee gubaatiin manneenii haalaan keessatti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, waraanni sirna dhableessi PP aantummaa sabaa hin qabne dararaaf qe’ee hawaasaatti bobbaafamanii gara jabina agarsiisaa jiraniin uummanni doorsisaa fi dararaa baqatee magaalota birootti galuu fi kaan ammoo ijjibbaatee du’aa fi hiraarsaa of irratti eegaa jira jechuun dubbatu.


