ONM-ABO Caamsaa 16, 2025
Aanaa Odaa Bultum magaalaa Shunqoo jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa maqaa “bu’uuraalee misoomaa” jedhu da’eeffachuun guyyaa guyyaan humnaan qarshii saamanis, tajaajila hawaasni argachuu qabu bishaan dhugaatii dhabsiisuun jiraattonni rakkoo hamaaf saaxilamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Bishaan Burqaa lagaa waraabamee harreetti fe’amuun gara magaalichaa dhufu jarkaaniin abbaa litirii 20 tokko hanga qarshii 150’n bitamaa kan jiru yoo ta’u, garuu murni PP maqaa “bishaan isiniif galchina” jedhuun qarshii hawaasa irraa walitti qabanis, hanga ammaatti rakkoo bishaan dhugaatii oolchuu irra galii dhuunfaa isaaniif itti fayyadamuun rakkoo bishaan dhugaatiif uummata saaxiluus himan.
Jiraattonni magaalichaa wayita gannaa rooba qorqqorroo irraa cim’isuun dhugaatiif kan oolfatan ta’us, waqxiilee roobni hin jirre bishaan argachuun onichatti haalaan kan ulfaatuudha. Rakkoowwan muddamaa akkkasii kanas qaamni Bilxiginnaa halkaniif guyyaa misooma faarsu garuu bu’uura irraa furee sabaaf aara-galfii laachuu irra siyaasaaf oolfachuun, sabatti yaaddoo jireenyaa uumaa jira.


