ONM-ABO Caamsaa 17, 2025
Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ayinoo Gammoojjii bakka addaa Tuulama jedhamu irraa loltoonni PP hawaasa dararuuf bobbaafaman Caamsaa 14, 2025 dargaggoo Badhaasaa Biraanuu jedhamu akka fedha keenyaatti nu waliin hojjechuu didde maqaa jedhuun reebicha haalaan ulfaataa irraan gahanii hidhuun beekameera.
Dargaggeessi kun hojii dhuunfaa isaatti bobba’ee jiraachuun ala tuttuqaa siyaasaa kam keessaayyuu qooda kan hin fudhanne ta’us, gareen anatu siif beekaa fi hireen kee anaan murtaa’a jedhan kunneen ol-adeemaa kana miidhaa irratti taassisaniin rakkoo fayyaa irraan ga’anii yaala dhorkachuunis ibsameera.
Kana malees, magaalicha keessaa loltoonni Abiy Ahimed yeroo addaa addaatti ilmaan Oromoo qofa shakkii barcuma siyaasaa isaanii taasisanii ilaaluun ukkaamsanii hidhanii dararaa ulfaataa irraan gahuu fi gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ta’uun dabalataan eeramee jira.

