ONM-ABO Caamsaa 17, 2025
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Jimaata kaleessaa Iraan yaada Ameerikaan waliigaltee niwukilaraa dhiyeessite fudhachuu ykn “waan hamaatu ta’u” akka ibsuun Iraan kana irratti murtoo ariifataa kennuu akka qabdu dubbatan.
Abu Daabiitti yeroo daawwannaa Galoo Galaanaa geggeessan haasawa taasisaniin, Tiraamp bulchiinsi isaanii waliigalteedhaaf yaada kenneera jedhan, “ariitiidhaan socho’uu akka qaban ykn wanti hamaan ta’uuf akka jiru ni beeku” jedhan.
Gama biraan Pirezidaanti Doonaald Traamp michuun isaanii, Israa’el bulchiinsa Pirezidaanti Ahmed al-Sharaa irraa shakkii gadi fagoo qabaattus, mootummaa haaraa Siiriyaa beekamtii kennuuf murtee Ameerikaan fudhatte kana irratti akka hin mari’anne dubbataniiru jechuun AFP fi Rooyiters gabaasaniiru.

