ONM-ABO Caamsaa 18, 2025
Oromiyaa keessatti daa’imman umuriin isaanii 15 gadi ta’e haala salphaan goyyomsuu fi dirqiin qabanii mooraa waraanaatti ergaa kan jiran yoo ta’u, keessattuu namoota maatiin isaanii harka qalleeyyii tahan, maatii isaanii irraa adda baasuun guuraa kan jiran yoo ta’u, addatti ammoo aanaalee Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti jabaatee akka jiru jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Bifuma kanaanis bulchiinsa magaalaa Shaambuu dabalatee aanaalee godinichaa cufatti dirqiin mooraa leenjii geessuuf ukkaamsuun cimee itti fufuun, Caamsaa 14, 2025 irraa eegalee barattoota manneen barnootaa isaanii irra deemuun konkolaataa dhaabuun jumlaan guuraa jiraachuu dabaluun himan.
Abiy Ahimed lola keessaa bahuu hin dandeenyetti seenuun dhumaatii waraanaa isa mudate irraa kan ka’e dargaggoota bakka hojii fi mana barnootaa irraa afaan qawween ukkamsuun gara dirree waraanaatti ergaa kan jiru yoo ta’u, kanneen qaama miidhamoo fi umuriin isaanii loltummaaf hin geenyes humnaan itti hirmaachisaa jira.

