ONM-ABO Caamsaa 20, 2025
Loltoonni naamusni waraanummaa irraa hin calaqqisnee fi daandii irra jiraachuu irraa gara hawaasa dararuutti bobbaafamanii jiran, bakka saayinsiin waraanaa nama hin dhabnee fi hawaasa Oromoo biratti safeeffatamu mara dhaabbachuun gocha balaaleffatamu raawwachaa jiru.
Aanaa Cawwaaqaa araddaa Burqaa Barakaa magaalaa Boolee jedhamu irraa miseensonni waraanaa raayyaa ittisa impaayerattii shamarran 3 kanneen maqaan isaanii:
- Asaantuu,
- Daraartuu fi
- Iftuu jedhamanii fi
kan maqaan isaanii adda hin baane hedduu ji’oota muraasa dura dirqisiisanii gudeeduun erga ulfi irratti mul’atee immoo Caamsaa 18, 2025 waajjira poolisii aanaa Cawwaaqaatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Gandicha keessatti loltoonni sirnichaa gochaa faallaa seeraa adda addaa shamarranii fi haawwan afaan qawwee itti qabanii doorsisuun gudeedaa kan jiranii fi shamarran ulfi irratti beekame ammoo yakkoota raawwatan dhokfachuuf hidhu jechuun dubbatu.
Gochaan akkasii gandicha keessatti kan yeroo jalqabaa kan hin taanee fi irra deddeebiin mul’ataa kan ture oggaa ta’u, gochaa farra namoomaa fi diinummaa jabaa Abiy Ahimed loltoota isaa gargaaramuun raawwachaa jiru akka ta’e jiraattonni gandichaa ibsaniiru.


