• Tue. Nov 24th, 2026

Iraan mariin niwukilaraa taasisaa jiran yoo US yuuraaniyeemii ishee ol guddisuu zeeroo goote akka kufu himte 

May 20, 2025

ONM-ABO Caamsaa 20, 2025 

Mariin niwukilaraa Iraanii fi Ameerikaa gidduutti taasifamu Waashingitan Tehran sochii badhaadhina yuuraaniyeemii ishee gara zeerootti akka dhiistu yoo cimsitee dubbatte akka hin tarkaanfanne itti aanaan ministeera haajaa alaa Iraan Majid Takitravanchi Wiixata kaleessaa dubbachuun gabaafameera.

Ergamaan Addaa Ameerikaa Isteev Witkoof Dilbata darbe ejjennoo Waashingitan irra deebi’anii ibsuun, waliigaltee haaraa US fi Iraan gidduutti taasifamu kamiyyuu, karaa boombii niwukilaraa misoomsuu danda’u, badhaadhina irraa of qusachuuf waliigaltee of keessaa qabaachuu qaba jedhan. Teehiraan garuu sagantaa anniisaa niwukilaraa ishee guutummaatti kaayyoo nagaa qaba jetti.

“Ejjennoon keenya badhaadhina ifa waan ta’eef bu’aa biyyaalessaa irraa duubatti kan hin deebine ta’uu irra deddeebi’uun ibsineerra,” jedhan Takitravanchi.

Torban darbe naannoo Galoo Galaanaa daawwannaa taasisaniin prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp walii galteen baay’ee walitti dhihaateera jedhan garuu Iraan falmii waggoota kurnan lamaan darbaniif ture furuuf daftee socho’uu qabdi jedhaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply