• Wed. Nov 25th, 2026

Israa’el nyaata daa’imaa tokko tokko gara Gaazaatti erga Bitootessa irraa kaasee gargaarsa jalqabaa eyyamte

May 20, 2025

ONM-ABO Caamsaa 20, 2025 

Israa’el konkolaataa fe’umsaa nyaata daa’immanii Wiixata kaleessaa gara Gaazaatti akka gadhiiste kan himte yoo ta’u, kunis erga mootummaan Israa’el uggura ji’a lamaa gartokkoon ka’uu isaa beeksisee as gargaarsa jalqabaa fudhatamuu qabeedha.

Israa’el, haleellaa waraanaa haaraa babal’ate kan Gaazaa keessatti itti fuftee jirtu, uggura gargaarsaa Bitootessa 2 keesse akka kaastu, deggartuu ijoo ishee Ameerikaa irraa dabalatee dhiibbaan dabalaa dhufeera.

“Kaleessa, Israa’el konkolaataa fe’umsaa nyaata daa’immanii gara Gaazaatti galchuuf haala mijeessaa jirti,” jechuun daayreektarri olaanaa Ministeera Dhimma Alaa Eden Bar Tal ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Guyyoota dhufan keessatti, Israa’el konkolaattota gargaarsaa kurnan hedduu akka seenan haala mijeessiti” jedhan.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Oren Marmorsteyin konkolaattota fe’umsaa meeqatu duraan seene jedhamee gaafatamee gaazexeessitootaaf “lakkoofsa sirrii ta’e ilaaluu qabna” jedhan.

Itti dabaluudhaanis “yaadichi guyyoota dhufan keessatti lakkoofsa guddaa tokko tokko qabaachuudha” jedheera.

Dhaabbileen UN hanqina nyaataa, bishaan qulqulluu, boba’aa fi qoricha naannoo marfamte Gaazaa keessatti mul’atu akeekkachiisaniiru.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Tedros Adhanom Ghebreyesus Isniina kaleessaa akka jedhanitti, harki guddaan Gaazaan “beela’aa kan jiran” yoo ta’u, kunis “nyaata toonii hedduun daangaa irratti uggurame daqiiqaa muraasa qofa irraa fagaatee bakka jirutti” jechuu isaanii AFPn gabaaseera.

Leave a Reply