• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Dedootti saamichi jaleewwan PP’n hawaasa irratti raawwatamu jabaate

May 21, 2025

ONM-ABO Caamsaa 21, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Dedoo ganda Daqqalaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha hamaa irratti bobba’uun hawaasa ba’aa fi gala dhorkaa jiran, yeroo ammaa kana ammoo maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen nama tokko irraa hanga qarshii 7,000’tti  afaan qawwee itti qabanii guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Jiraattota irraa qarshiin kun hundi dirqamaan guuramus, nagaheen karaa jaleewwan sirnichaan isaaniif kennamaa jiru qarshii 2,000’n barreeffamaafii jiraachuu fi hawaasni waan qoonqootti illee nyaatu hin qabne, wayita Arfaasaa kanatti kaffaltii kanaan hiraarfamaa jiraachuus dubbatu.

Jaleewwan Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf baadiyyaa fi magaalota Oromiyaa cufatti sochii gochuun maqaa adda addaa da’oo taasifatanii kaffaltii nagahee hin qabneen saamicha geggeessuu hammeessanii jiru.

Bilxiginnaan uummata rakkoo keessa jiru keessatti masaraa fi paarkii ijaaree eebbisiisuun suuraa ka’aa, hawaasa homaa hin qabne, kan qaala’iinsi jireenyaa dararaa jiru kana irraa waan isaan hin qabne guuraa jira.

Leave a Reply