ONM-ABO Caamsaa 22, 2025
Murni abbaa irree impaayerattii humna waraanaa heddummeessee teessuma aangoo isaa ittiin tikfachuuf dhama’uun isaa kun, akka waan sirnicha kufaatii irraa baraaruu fi tooftaa bulchiinsaatti kan itti gargaaramu oggaa ta’u, dhugaan lafa jiru garuu kanneen hidhachiisee bobbaase iyyuu wantoota bu’uuraalee jireenyaaf murteessoo ta’an guutuufiin hafee, nyaachisee bobbaasuunuu itti ulfaachuun uummata irraa akka nyaatanii jiraatan taassisee dhiibbaa ulfaataa geggeessaa jira.
Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Loomica Cabalitti kan bobbaafaman loltoonni farra riphee lolaa fi milishoonni sirnichaa waliin ta’uun saamicha adda addaa Uummata irratti raawwachuun cinatti uummatuma dararaa hamaan gidirsan irratti doorsisa afaan qawween fayyadamanii buna dhugaatii fi nyaata akkasumas wantoota adda addaan hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM’f himan.
Uummatni rakkoolee haala jireenyaa keessatti isa mudatu kanneen akka kaffaltii gibira humnaa olii, qaala’iinsa jireenyaa, rakkoo dhiyeessii qonnaan gabaa irraa mudatee jiru fi kkf hedduu irraan kan ka’e gareen faashistii kun mooraa dhaabbataa ijaareefii qubsiisee achitti haa nyaachisu malee nuti dadhabneerra jechuun yaada isaanii ONM’f qoodanii jiru.

