ONM-ABO Caamsaa 22, 2025
Murni faashistiin mootummaa uummataati ofiin jechaa dhiiga hawaasa qulqulluu bulchaa jiruu dhangalaasuu fi lubbuu obbaasuun umurii aangoo isaa dheereffatu Bilxiginnaan godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti dararaa adda addaa jiraattota irraan ga’uu hammeesseera.
Haaluma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo cinatti kan argamtu iddoo Mashooree jedhamutti lukkeeleen murna PP maqaa waraana bilisummaa Oromootu achiin nutti dhufaan hawaasa dirqamaan bakkichatti eegumsa naannoo baasanii halkan qorraa fi guyyaa aduu keessatti dararaa kan turan yoo ta’u, Caamsaa 20, 2025 namoota eegumsa naannoo irra jiran reebanii hidhuun ibsameera.
Qonnaan bultoonni hidhaman kunneenis jiraattota ganda Wajiiree oggaa ta’an isaan keessaa kan maqaan nu ga’es:
- Huseen Aallee,
- Aliyyi Mahammad Arabuu,
- Abduu Adamii fi
- Mahammad Abduu namoota jedhamaniidha.
Lukkeeleen murna faashistii PP kan walii isheef illee naasuu hin qabne kun aanichumatti Caamsaa 20, 2025 kumaanderii ganda Golboo Arbaa Mahaammad Umar Hamiduu jedhamu osoo inni konkolaataa isaan gara magaalaa Caffaa Roobit imalaa jiruu qabanii garmalee doorsisuun of booda deebisanii hanga gabaasni kun qindaa’etti magaalaa Qiciicootti hidhuu maddeen keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


