• Fri. Nov 27th, 2026

Pirezidaantiin Falasxiin Libaanos keessatti mooraan baqattootaa hidhannoo hiikkachuu irratti mari’achuuf Libaanos galuun barame

May 22, 2025

ONM-ABO Caamsaa 22, 2025 

Prezidaantiin Falasxiin Mahmuud Abbaas, Libaanos naannoo ishee hunda irratti to’annoo gochuu waan barbaadduuf, marii mooraa baqattoota Falasxiin hidhannoo hiikkachisuu irratti ni dubbatu jedhamee eegama.

Bara 2017 irraa eegalee daawwannaa jalqabaa Abbaas kan baqattoota Falasxiin kuma dhibbaan lakkaa’aman kan keessummeessitu Libaanositti kan taasisan yoo ta’u, isaan keessaa 222,000 mooraa garmalee namaan guutame keessatti to’annoo aangawoota Libaanos ala jiraatu.

Suuraaleen miidiyaalee mootummaa Abbaas Masaraa Pirezidaantichaa gahuu fi pirezidaantii Jooseef Ayuun waliin wal arguu agarsiisan.

“Dhimmi meeshaa waraanaa Falasxiin mooraa keessatti mata duree marii pirezidaantii Abbaas, Pirezidaantii Libaanos fi Mootummaa Libaanos gidduutti taasifamu keessaa tokko ta’a,” jedhan miseensa koree hojii raawwachiiftuu Dhaabbata Bilisummaa Falasxiin Ahmad Majdalanii.

Maddi mootummaa Libaanos, miidiyaaleen gabaasuuf waan hin hayyamamneef maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan, daawwannaan Abbaas meeshaa waraanaa mooraa keessaa baasuuf mala hundeessuuf kaayyeffateera jedhan.

Ayuun fi Abbaas meeshaa waraanaa mootummaa Libaanositti daangeessuuf waadaa galan irra deebi’anii mirkaneessanii mooraan Falasxiin “gareewwan gara jabeeyyiif bakka nageenya qabu” akka hin taane ittisuuf waliigalaniiru jedha ibsi pirezidaantii Libaanos.

Gareen Falasxiin kun naannoo Libaanos akka buufata hojii waraanaa kamiyyuu itti jalqabsiisuuf akka hin fayyadamne waadaa galeera jedha ibsichi jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

Leave a Reply