ONM-ABO Caamsaa 23, 2025
Murni Bilxiginnaa hiddi isaa saamichaan ijaarame qonnaan bultoonni fi daldaltoonni dhiyeessii bunaa gatii gadi bu’aan gabaaf akka dhiyeessaniif daba taasisuun cinatti, maqaa qulqullina hin qabu jedhuunis saamicha geggeessaa akka jiru jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Qabeenya gatii qaaliii baasan keessaa bunni isa tokko ta’us, gatiin dadhabbii fi kunuunsi uummanni bunaaf taasisaa jiru gatii gabaaf dhiyaatu waliin kan wal-hin madaalle taasisuun dararaa turaniin cinatti yeroo amma gabaa argatanii gurgurachuuf ka’anitti ammoo murni Bilxiginnaa, maqaa qulqullina hin qabu jedhuunis saamicha geggeessaa jira.
Bifuma kanaanis godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ganda Soonxaa keessaa Caamsaa 16, 2025 buna konkolaataa lama kan jiraattonni gabaatti dhiyeeffachuuf baasaa turan humnoonni poolisii kanneen ogummaa buna qulqulluu hin taane adda baasuu hin beeknee fi gaafatama itti hin qabne maqaa qulqullina hin qabu jedhuun akka saamanis ibsameera.
Adda durummaan saamicha kanas kan taasisan poolisoota maqaan isaanii:
- Saaddiquu Abduu fi
- Waaqumaa Mangashaa
kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni qabeenyi jalaa saamame kunneenis qabeenyi isaanii akka deebi’uuf ifaajjii taassisaa kan jiran ta’us, humnoonni poolisii kunneen akka dhorkatanis itti dabaluun himaniiru.
Kana malees godinichuma aanaa Buree keessaa albuuda warqee baafamaa jiru kaadiroonni PP uummata irraa ari’anii dhuunfaa isaaniif oolfachuun dhoksaan gurgurachaa akka jiran ibsameera.

