• Thu. Nov 26th, 2026

Hojjettoonni Yaala Fayyaa fi Barsiisonni Itiyoophiyaa Galiin isaanii Xiqqaachaa Dhufuun Fedhii Isaaniitiin Ogummaa isaanii Gadhiisuun Dabalaa Deemuu Qorannoon Ifoomse

May 23, 2025

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Dhaabbatni guddichi gargaarsa idil-addunyaa qorannoo isaa Itiyoophiyaa keessatti taassiseen dhaabbileen lameen kun rakkoo hamtuu keessa jiraachuu isaa addesse.

Akka qorannoon kun ifoomsutti barsiisonni dhibbentaa 91 haalli hojii hammaataa dhufuu kan dubbatan yoo ta’u, %96 ammoo waggoota 3 – 5 keessatti leenjii ogummaa tokkollee akka hin fudhanne himaniiru. Dhibbentaa 91 kan ta’an ogummaa kana gadhiisuuf qophii xumuruu isaanii ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun, hojjettoota fayyaa hirmaatan keessaa %95 hanqina meeshaalee yaalaa fi qoricha yeroo dheeraa akka ture ibsaniiru. Dhibbentaa 75 kan ta’an galiin isaanii gadi bu’uu isaatiin nyaata maatii isaanii hir’isuuf akka dirqaman dubbataniiru.

Baatii kana keessa ogeesonni yaala fayyaa gaaffii mirga bulchiinsa Abiy Ahimed gaafachuu sababeeffachuun qama impaayerattiin hordofamuu fi hidhamaa jiru. 

Ogeesonni yaala fayyaa Itiyoophiyaa keessatti bakka garaa garaatti hojii dhaabuun tajaajilli kenniinsaa addaan citee jira.

Gareen Abiy gaaffiilee ogeesonni gaafatan deebisuu irra hojjettoota ugguruu fi holola miidiyaa geggeessaa jira.

Leave a Reply