• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Shaggar Aanaalee Booraa fi Dugdaatti qawwee ittiin binna maqaa jedhuun waraanni garboomfataan PP afoosha hunda irratti saamicha geggeessaa jiraachuun beekame 

May 29, 2025

ONM-ABO Caamsaa 29, 2025 

Koloneel Abiy Ahimed baatiima kana keessa Itiyoophiyaan hanqina meeshaalee waraanaa hin qabdu gabaa alaatti gurguruu eegalteetti jedhee miidiyaan dubbachuun isaa kan yaadatamu ta’us, hojiiwwan jaleewwan isaa maqaa eegumsa naannoo keessaniif meeshaalee waraanaa bitachuu qabdu jedhuun gidiraa hawaasa irratti raawwachaa jiraachuun irra deddeebiin mul’achaa jira.

Bifa jajjannaa fi ajaa’ibsiifannaatiin warshaan meeshaa waraanaa Hoomachoo oomisha haaraa eegaleera kanaaf furmaanni ittiin impaayerattii tiksan nu harka jira jedhee sodaachisa raawwachuun agarsiisa adda addaa geggeessaa yeroo turetti osoodhuma agarsiisni raawwachaa ture keessaa hin turin uummata Oromoo kutaalee adda addaa keessa jiran meeshaalee waraanaa bitachuu qabduun daraaraa kan jiran oggaa ta’u, torban lamaan darbe irraa kaasee Baha Shaggar aanaalee Booraa fi Dugdaatti afooshni gandootaa maallaqa bittaa meeshaa jedhuun saamamaa akka jiranis dubbatu.

Afoosha dhiirotaa fi dubartootaa cufa maallaqa isaan yeroo gaddaa fi oomishaalee adda addaaf oolfachuuf ol keewwatan saamaa kan jiran yoo ta’u, afoosha mormii agarsiisaa jiru ammoo hidhaa fi dararaa adda addaa irratti raawwachaa jirus jechuun dabaluun himaniiru.

Yeroo itti warshaan meeshaalee waraanaa kilaashii, bireenii, isnaayiperii, diishqaa, taankii, madfii fi kanneen biroo gosa hunda ofiif osoo hin taane gabaaf oomishuu eegalleera jedhanitti saamichi adeemaa jiru dubbii koloneel Abiy Ahimed faalleessaa jiras kan jedhan jiraattonni, murni Bilxiginnaa sobaan ajandaawwan uumuu malee dhugaan qabatamaan lafa irratti mul’atu impaayerri Itiyoophiyaa daranuu diigamaa kan jirtuudhas jechuun dubbatu.

Leave a Reply