ONM-ABO Caamsaa 29, 2025
Impaayerattii keessatti rakkoon jireenyaa erga Abiy Ahimed bu’aa warraaqsa qeerroo fi qarree butuun aangoo qabatee as jireenyi hawaasaa jeequmsa dinagdee fi siyaasaan miidhaa gurguddaa keessummeessaa kan jiru yoo ta’u, erga fooyya’iinsi dinagdee jedhamu fedhii IMF fi baankii addunyaa guutuuf Bilxiginnaan diriirsee uummatni yeroo dararamu, bulchiinsi abbaa irree ammoo liqii deebisuuf uummata quncisaa jira.
Bifuma kanaanis godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Heellaa Waajiitti Caamsaa 26, 2025 humnoonni waraanaa PP kanneen gufuu jiraachuu ilma namaa ta’uun dhiiga dhangalaasuu, lafee cabsuu fi dhabamsiisuu raawwachuun kabaja aangaa’ota sirnichaa irraa argachuu fi aangoof dhimmaman qe’ee qonnaan bultootaa keessa deemuun hojiiwwan saamichaa fi doorsisa raawwachaa akka turan jiraattonni ONM’f himan.
Saamichi raawwatamaa tures, midhaan qamadii kiilo-giraama 35 fi qarshii dhibba sadii qonnaan bultoota hunda irraa fuudhaa kan jiran yoo ta’u, namoota harka qalleeyyii wanta kaffalan dhaban ammoo farra misoomaati jechuun hidhaatti guuraa akka jiranis ibsameera.

