ONM-ABO Caamsaa 29, 2025
Kutaaleen ittisa qilleensaa Raashiyaa diroonii Yukireen sadii Moskoo irratti xiyyeeffate kuffisuu isaanii kantiibaan magaalattii Kamisa har’aa ganama himaniiru.
Sergee Sobyanin, appii ergaa telegram irratti barreesseen akka jedhetti, diroonii keessaa tokko daandii guddaa kibba magaalattii keessatti argamu irratti mana jireenyaa rukutee garuu miidhaan qaamaa ykn miidhaa guddaa hin geessisne.
Waraanni Raashiyaa Kibxata halkan naannolee Raashiyaa hedduu keessatti diroonii gara 300 ta’u kuffisuu isaa gabaaseera. Sobyanin diroonii kurnan lamaa ol gara Moskootti osoo deemaa jiranii akka ittifame hubachiisuu Rooyiters gabaaseera.

