• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Diggaatti murni PP mana qonnaan bulaa tokkoo qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessuun ifoome

May 30, 2025

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Murni balfamaa fi dabaan Bilxiginnaa jaleewwan isaa qe’ee uummataatti bobbaasuun Caamsaa 28, 2025 Baha Wallaggaa aanaa Diggaa ganda Biqiltuu bakka addaa Kaaambii jedhamutti nama maqaan isaa Malkaamuu Daggafaa jedhamu jalaa manaa isaa qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malee cubbamaa sirna bulchiinsa isaa uummata irratti dagaagsee kolonii impaayerattii jalatti afaan qawween cafaqee bulchuuf kan dhama’u koloneel Abiy Ahimed loltoota inni bobbaasaa jiruun aanichatti saamicha, hidhaa fi dararaan jabaatee akka jirus jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Waraanni bal’achuun rakkolee namoomaa hammeesseera kan jedhan jiraattonni onichaa dhiibbaa qaamoleen murna faashistii PP kanneen olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun bobbaafamaa jiran qe’ee qonnaan bultootaatti raawwachaa jiran egeree sabichaatiif yaaddessaa ta’uus dubbatu.

Leave a Reply